Godina Booranaatti pirojektiiwwan bishaan dhugaatii addaa addaa eebbifamanii tajaajila kennuu eegalan

You are currently viewing Godina Booranaatti pirojektiiwwan bishaan dhugaatii addaa addaa eebbifamanii tajaajila kennuu eegalan

AMN – Bitootessa 18/2017

Godina Booranaatti pirojektiiwwan bishaan dhugaatii garagaraa eebbifamanii tajaajila kennuu eegalaniiru.

Pirojektiiwwan bishaanii kunneen Ministira Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa (Dr.) dabalatee bakka hooggansi godinichaa bakka argamanitti eebbifamanii tajaajila kennuu eegalaniiru.

Pirojektiiwwan bishaan dhugaatii eebbifaman keessaa birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 6 oliin kan ijaarame Pirojektiin bishaan dhugaatii keessa Roomsaan isa tokko.

Pirojektichi hawaasa kuma 4 olii fi beeyladoota kuma 27 oli bishaan obaasa.

Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 33 oliin kan ijaarame pirojektiin bishaan dhugaatii Diidaa Yaabelloos tibbana xumuramee tajaajila kennuu kan eegalu yoo ta’u kutaalee hawaasaa kuma 8 oli bishaan obaasa.

Bifuma walfakkaatuun Pirojektiin bishaan dhugaatii Eerdar yeroo dhihoo keessatti xumuramee tajaajila kennuu akka eegalu himameera.

Pirojektichi birrii miiliyoona 83 olii kan ijaarame yoo ta’u kutaalee hawaasa kuma 2 fi 300 oli bishaan obaasa.

Piroojektiiwwan hundi anniisa aduu /Soolaaraan/ kan hojjeera Bishaaniifi Inarjiirraa odeeffanne.

Jiraattonni godinichaas pirojektiiwwan kunneen ijaaramuun rakkoo bishaan dhugaatii duraan qaban kan furuuf ta’uu himan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply