AMN PLUS- Guraandhala 26/2017
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Pirojektiin dhiheessii Bishaan dhugaatii qulqulluu Magaalaa Kombolchaa qarshii miiliyoona 180 oliin hojjetamaa jiru, sadarkaa xumuraarra gahuu isaa Biiroon Bishaanii Oromiyaa beeksiseera.
Pirojektichi bàatii tokkoon booda guutumaan guututti xumuramee tajaajilaa kan eegalu ta’uunis himameera.
Ijaarsa pirojektichaaf Biiroon Bishaan Oromiyaa bajata sagantaa ‘Busket Fund’ argame qarshii miliyoona 184.5 oliin hojjechiisaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa ijaarsi isaa sadarkaa xummuurarra gaheera.
Pirojektichi Boolla Gad fagoo 4,Boonoo 8, kuusaa Bishaanii abbaa meetir Kuubbii 1000 tokko, abbaa meetir kuubbii dhibba sadii Fi sarara bishanii km 35 kan qabu ta’uunis himameera.
Pirojektichi wayita xumuurame uummata magaalaa Kombolchaa kuma 40 ooliif tajàajila kan kennu ta’uu Biiroo Bishaanii Oromiyaa irraa odeeffanne.