Goobee fi Shinooyyeen magaalaa Finfinneetiif simboo addaa ta’aa dhufuu Komishiniin Turizimii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Komishinarri Komishinii Turiizimii Magaalaa Finfinnee Obbo Hundee Kabbadaa AMN Digital waliin turtii taasisaniin, Karnivaalli Goobee fi Shinooyyee karaa aadaa fi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Aadaa fi duudhaan Oromoo sababoota garaa garaan magaalaa Finfinnee keessaa dhiibamee bahaa turuu yaadachiisuun, jijjiirama siyaasaa biyya kanatti mul’ateen akka deebi’u taasifamuun hiikoo guddaa qaba jedhan.

Goobee fi Shinooyyeen ilaalcha dogoggoraa saba Oromoorra gahaa ture sirreessuun, Oromoon aadaa fi duudhaa sirna Gadaa irraa madde koorniyaa lamaaniifuu wal qixa kabaja laatu qabaachuu isaas kan agarsiisu tahuu himaniiru.
Waggoota darban bakka aadaaf duudhaan sabichaa cabetti deebi’ee karaa aadaaf duudhaa isaa eeggateen Goobee fi Shinooyyeen gaggeeffamuun isaa hiikoo guddaa qabaachuu himaniiru.
Goobee fi Shinooyyeen beekamtii akka argatuuf akkasumas yaa’insi tuuristii magaalichaa fi galiin magaalichaa akka guddatuuf shoora guddaa waan qabuuf Komishiniin Tuurizimii Magaalaa Finfinnee qaamolee gara garaa waliin tahuun hojjechaa jiraachuu Komishinar Hundeen himaniiru.
Kaarnivaalli kun UNESCOtti akka galmaa’uuf hojiin dhaadhessaa fi beeksisaa ciminaa fi itti fufiinsaan irratti hojjechuun murteessaa tahuu himaniiru.
Hundeessaa fi Hojii Gaggeessaa Dhaabbata Piromooshinii Boraatii Artiist Biruuk Girmaa addatti AMN waliin turtii taasiseen, Goobee fi Shinooyyeen taatee Ganna keessaa bahanii Booqaa Birraatti cehuu misraachoon himudha jedha.

Goobee fi Shinooyyeen hawaasa tokkoomsuu, si’oomsuu, nagaa isaa tiksuu, miira gammachuu hawaasa keessatti uumuu keessatti shoora olaanaa qabaaachuu himeera.
Bara kanas yeroo 7ffaas karaa aadaa fi duudhaa isaa eeggateen Magaalaa Finfinneef naannawasheetti akka kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Artiist Biruuk AMN Digital’f ibseera.
Daraartuu Tarreessaatu Gabaase.