Goobeefi Shinooyyeen calaqqee eenyummaati – Aadde Nafiisaa Almahaadii

You are currently viewing Goobeefi Shinooyyeen calaqqee eenyummaati – Aadde Nafiisaa Almahaadii
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

‎AMN PLUS- Qaammee 1/2017

‎Goobeefi Shinooyyeen calaqqee, madda gammachuu, jaalalaafi tokkummaa Ummata Oromoo akka ta’an Deetaan Ministiraa Aadaafi Spoortii Aaddee Nafiisaa Almahaadii ibsan.

‎Agarsiisni Goobeefi Shinooyyee magaalaa Finfinneetti har’a eegaleera. Aadaafi duudhaa ummanni oromoo qabu keessaa goobeefi shinooyyeen isa tokkodha.

‎Dargaggoonniifi shamarran iddoowwan garaa garaatii walitti dhufuun agarsiiftuu aadaa tokkummaa sabaa, calaqqee eenyuummaafi abdii bara haarawaa tahuun magaalaa misoomte waliin faayamuun Finfinneef urjiiwwan lafarraa miidhaginaan ibsan ta’aniiru. Aadaan, duudhaan,safuun ofii calaqqee guddina eenyuummaa ofiiti.

‎Dhaloota aadaa,bduudhaafi eenyuummaa isaa qixa hubatuufi kunuunsee egereetti ceesiisu ijaaruunimmoo urjiiwwan hedduun akka dhalataniif karaa saaquudha.

‎Aadaan wal harkaa fuudhama hangafti quxisuuf aadaa isaa akka beeku sammuu isaarratti hojjetee darba. Bu’aan kanaa ammoo haaromsa aadaatiin guddummaa Oromoo baraan hin daangeffamne uuma. Bu’uurri cimaafi biyyi jabduus kanuma keessatti ijaaramti.

‎Agarsiisni goobeefi shinooyyee magalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegales qeerroofi qarreewwan uffata aadaan faayamanii weedduwwan, abdiifi mul’ata qaban weellisaa aadaafi duudhaa oromoo sirriitti mul’isaniiru.

‎Saganticharratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Deetaan eetaan Ministira Aadaafi Ispoortii Aadde Nafiisaa Almahaadii ayyaanichi xiinsammuu dhalotaarratti jijjiirama guddaa akka fidu ibsaniiru.

‎”Agarsiisni kun ka’umsa malee gahumsa miti” kan jedhan, Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa simbiruu, ka’umsa kana ga’umsaan ga’uun dirqama nama hundaa akka ta’e hubachiisaniiru.

‎Hirmaattoonni Oromiyaafi biyyattii guutuu bakka garaa garaatii argamanis, miira gammachuu kana hirmaachuu dabalatee amaanaa gara fuul duraas galmaan ga’uun itti gaafatamummaa isaanii ta’uu hubachuun waadaa galaniiru.

‎Wangeel Faqqadaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply