Guutummaa Itoophiyaatti Hagayya 14/2017 irraa eegalee guyyoota 7 keessatti Manneen Maree hundeessuun, hoggantootnis akka filataman Boordiin Raawwachiistuu Filannoo Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksise.
Filannoon marsaa jalqabaa sadarkaa masjiidaatti, aanolee adda addaa keessatti adeemsifame guutummaatti nagaa fi milkaa’inaan xumuramuu Boordichi beeksiseera.
Boordiin kun milkaa’ina kanaaf hawaasa Muslimaa galateeffateera.
Hagayya 14/ 2017 jechuunis har’a irraa eegalee torban tokko keessatti haala qabatamaa naannawa filannoon itti gaggeeffamuun manneen maree aanaalee akka hundeeffaman itti dabaluun beeksiseera.
Haaluma kanaan, masjiida tokkoon tokkoon irraa bakka bu’oonni filataman gara aanaa isaanii deemuun Mana Maree aanaatti waan filatamaniif, hawaasni muslimaa sagantaa kana hubatee tumsa barbaachisu akka godhu waamichi taasifameera.
Gama biraatiin, bakka bu’oonni filataman, ulaagaalee sadarkaa aanaatti guutamuu qaban guutanii, Shuraa irratti hundaa’uun, akkaataa naamusa Islaamaatiin guyyoota murtaa’anitti masjiidota aanolee isaaniitti argamanitti deebi’anii Mana Maree Islaamummaa akka hundeessanis boordichi gaafateera.
Anwaar Ahmadiinitu gabaase