Guyyaan Biskileetii addunyaa akka lakkoofsa warra Awurooppaatti June 3 , ALI’tti immoo Caamsaa 26 kabajamee oola.
Guyyaan Biskileetii addunyaa waggaa waggaan kabajamuu kan inni eegale ALA bara 2018 yoo ta’u, kaayyoon isaas qulqullinasfi eegumsa naannoo, geejjibaa itti fufiinsa qabuu fi mijata uumuuf, hawaasaa fayyaa qabeessa ta’e uumuufi hammatamuu hawaasummaa fi aadaa nagaa mijeessuu irrati kan xiyyeeffate akka ta’e ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtomaniirra argame ni mul’isa.
Dhiheenya weerarri dhibee COVID-19 fedhii fi amala geejjibaa jijjiiruun magaalonni hedduun sirna geejjibaa isaanii irra deebi’anii akka itti yaadan taasiseera. Haaluma kanaan Biskileetii oofuun akka filannoo geejjibaa fayya qabeessa, magariisaa fi dinagdee ta’etti dhiyaata.
Murteen haaraan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bara 2022 “Misooma itti fufiinsa qabuuf biskileetii idilee sirna geejjibaa uummataa keessatti walitti makuu” jedhu irratti fudhatama argachuun isaatiin biyyoonni hedduun hojii irra oolchaa jiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n gama isaatiin, sochii qaamaa dabaluu, dhukkuboota daddarboo hin taane kanneen akka Kaansarii fi Dhukkuba Sukkaaraa hir’isuu, akkasumas faalama qilleensaa fi sagalee hir’isuu dabalatee faayidaa hedduu fayyaa fi naannoo irratti qabuuf biskileetii oofuu dammaqinaan irrati hojjetamuu akka qabu akeekachisa.
Akka biyyattis xiyyeeffannoo mootummaan misooma koridariif kenneen Magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii garagaraatti daandiiwwan Bisikileetiin irra imalan haala adda ta’een ijaaramaa jiru.
Jiraattonnis carraa misoomaa uumameetti fayyadamuun Biskileetii oofuufi akka geejjibaatti fayyadamuu eegalaniiru, biskileetii oofuun iddoowwan garagaraatti baratamaa dhufeera.
Kun immoo imaammata Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii milkeessu qofa osoo hin taane dhibeewwan garagararraa of ittisuuf shoora olaanaa ni qabaata.
Tolasaa Mabrateetiin