Guyyaan mala taphaan barsiisuu kabajame

You are currently viewing Guyyaan mala taphaan barsiisuu kabajame

AMN PLUS-Waxabajjii 03/2017

Konfaransiin guyyaa mala taphaan barsiisuu qophessummaa Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobeetiin sirnoota gara garaan Kabajamaa jira.

Guyyaan kun akka addunyaatti yeroo 11ffaaf akka Itoophiyaatti immoo yeroo 2ffaaf kabajamaa jira.

Konfiransii kanarratti qoondaltoonni mootummaa federaalaa fi naannoolee irra bakka bu’aan, akkasumas hayyoonni biyyaa keessaa fi alaa dhufan hirmaachaa jiru

Kaayyoon konfiransii kanaas mala baruu fi barsiisuu keessatti akkamitti taphaatti dhimma bahuun lammii gahoomee horachuun danda’amu dhimmamtoota barnootaa hubachiisuu ta’uu

Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Birhaanemasqal Xannaa (Dr.) himaniiru

Cabinsa sirna barnootaa keessatti uumamee suphuuf barnootaa idileen duraatti hojjechuun murteessaa ta’uu Pirezidaantiin Yuunivarsiitii kotobee Biraanemasqal (Dr.) ibsaniiru.

Taphanni akka waan badaatti ilaalamuun, hanqinni bu’uuraalee misoomaa, fi humna namaa leenji’ee, rakkoon imaammataa kenninsa barnootaa idileen duraa irratti hudhaa gudda ta’uu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Oromiyaa Tolaa Bariisoo (Dr.) kaasaaniiru

Konfiransicharratti kan argaman Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Aadde Hikkimaa keeyraddiin dhaloota itti gaafataummaa isa bahuu fi gahoome hoarchuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasaaniir

Konfiransii kanarratti meeshaaleen deeggersa barnootaa agarsiisaaf dhiyaataniiru

Mangashaa Daargeetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply