Guyyaan Yaadannoo Injifannoo waraana Saambee waggaa 84ffaan Godina Iluu Abbaa Booritti kabajame

You are currently viewing Guyyaan Yaadannoo Injifannoo waraana Saambee waggaa 84ffaan Godina Iluu Abbaa Booritti kabajame

AMN PLUS Ebla 27/2017

Guyyaan Yaadannoo Goototaa 84ffaan sadarkaa biyyaatt sirnoota garagaraan kabajamee ooleera.

Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Waraana Saambee waggaa 84ffaanis Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Aallee Ganda Innoos Saambeetti bakka hoggansi sadarkaa naannoo, godinaa, aanaafi uummatni bal’aan argammanitti yeroo 4ffaaf sirnoota garagaraan

kabajameera.

Bulchaan godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii gootota yoo yaadannu beekumsa, dandeettiifi ogummaa hidhannee hiyyummaa waraanuun gootummaa keenya guutuu taasifachuu qabna jedhan.

Guyyicha sababeeffachuunis riqichi rarra’aan laga Qabar, laga seena qabeessa ta’erratti ijaarame eebbifamuu himan.

Bulchaa itti aanaan aanaa Aallee Obbo Baahiruu Geetaachoo injifannoon dirree Waraana Saambee uummata Itoophiyaaf mallattoo tokkummaati jechuusaanii Waajjira Kominikeeshinii Godinichaarraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply