Hambaaleen dhala namaa Luusii fi Salaam walakkaa Awurooppaa Rippabiliika Cheek magaalaa Praag keessatti har’a daawwatamuu eegalan.
Baniinsa agarsiisa kanaarratti Ministirri Muummee Rippabiliika Cheek Piitar Fiyaalaa fi Ministirri Tuurizimii Salaamaawit Kaasaa argamaniiru.
Ministirri Tuurizimii Salaamaawit Kaasaa haasawa agarsiisa kanarratti taasisaniin, hambaan Luusii fi Salaam Rippabiliika Cheek keessatti argamuun isaanii keessattuu qorattoota seenaatiif carraa guddaa qaba jedhaniiru. Luusii fi Salaam Itoophiyaa haaraa addunyaatti beeksisuufis carraa bal’aa akka qabu himaniiru.

Namoonni Itoophiyaa dhufanii akka daawwatanis Aadde Salaamaawiit affeeraniiru. Ministirri Muummee Rippabiliika Cheek Piitar Fiyaalaan uummanni Awurooppaa Luusii fi Salaam qaaman daawwachuun dhuftanii “Eessa jirra? Eessaa dhufnee? kan jedhu ijoollee keessan agarsiisaa” jechuun ergaa dabarsaniiru.
Daayeraktarri Muuziyeemii Biyyoolessaa Cheek Mikaa’el Luukaash (Dr.) agarsiisni kun walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuurratti gahee guddaa akka qabuu fi Itoophiyaan carraa kana kennuu isheetiif galateeffataniiru. Muuziyeemii Biyyoolessaa Rippabiliika Cheek keessatti adeemsifamaa kan jiru, agarsiifni kun guyyoota 60f kan turu ta’uu ibsameera.