AMN PLUS – Onkoloolessa 05/2018
Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, irratti Haroon nam-tolchee uumame “Nigaat” waldaalee dargaggootaa qurxummii kiyyeessuurratti hojjatan 70 caalaniif carraa hojii uumuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.
Deetaan Ministira Qonnaa Fiqiruu Raggaasaa (PhD) Haroon Nigaat dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu isaa ibsaniiru.
Nigaat irratti waggaatti qurxummii toonii kuma 15 oomishuun akka danda’amu ibsanii bara baajataa 2017 yeroo jalqabaatiif qurxummii toonii kuma 5 gabaaf dhiyeessuun akka danda’ame dubbataniiru.

Gahumsa oomishtummaa qurxummii Nigaatiin guddisuuf qophiin karooara qindaa’aa sirnaa fi hojimaata diriirsuuf gargaaru taasifamaa akka jiru TOI’n gabaaseera.
Pirezidaantiin Itti Aanaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Geetaahun Abdiisaa karoora qindaa’aa haroo Nigaat hojii irra oolchuuf deggersi barbaachisaan akka taasifamu ibsaniiru.
Mariin qorannoo wixinee karoora qindaa’aa Haroo Nigaat irratti xiyyeeffatu magaalaa Bishooftuutti adeemsifameera.