Hawaasni Musliimaa namoota rakkatan gargaaruun akkasumas nagaa labsuun Ayyaana Mooliidaa kabajuu akka qabu ibsame.
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, ayyaana yaadannoo dhaloota Nabiyyuu Mohaammad waggaa 1500 haala dammaqina qabuun akka kabajamu beeksiseera. Manni Marichaa Ayyaana yaadannoo dhalachuu Nabiyyii Mohaammad ilaalchisuun ibsa kenneera.

Hawaasni Musliimaa hojii gaarii Nabiyyuu Mohaammad’iin hordofuun kanneen rakkatan gargaaruufi nagaa labsuun akka ayyaanicha kabaju ergaan darbeera.
Ayyaanni yaadannoo dhalachuu Nabiyyii Mohaammad (Mooliidaa) Masjiida Guddicha Anwaaritti sirnoota Amantii garaagaraan Kamisa dhufu akka kabajamu ibsa gaazexessummaa kenname irratti eerameera.
Anwaar Ahimad’tu gabaase,