Hawaasni yeroo ayyaana Ukee kabaju balaan ibiddaa akka hin uumamne of eeggannoo barbaachisu ergaan darbe

You are currently viewing Hawaasni yeroo ayyaana Ukee kabaju balaan ibiddaa akka hin uumamne of eeggannoo barbaachisu ergaan darbe

AMN PLUS- Hagayya 12/2017

Hawaasni yeroo Ayyaana Ukee kabaju tasa balaan ibiddaa akka hin uumamne of eeggannoo barbaachisaa akka taasisuu qabu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Ibiddaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise

Ogeessi Hariiroo Hawaasaa Komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo akka himanitti komishinichi yeroo ayyaanichaa balaa ibiddaa fi balaa tasaa ittisuuf qophii barbaachisaa taasisuu isaa ibsaniiru.

Iddoowwan namoonni walitti qabamanitti ergaan of eeggannoo akka beeksifamees akeekaniiru.

Sirna daamootii ibsuu ayyaanicharratti balaan ibiddaa akka hin uumamnef of eeggannoo guddaan godhamuu akka qabus dubbataniiru.

Hawaasni naannoo daamootii itti ibsan sarara humna ibsaa, manneen, garaajii, naannoo konkolaattonni baay’inaan dhaabbataniifi wantoota gubachuu danda’an biroo irraa fageessuu akka qaban ibsameera.

Keessattuu iddoowwan daamootiin itti ibsamu sarara humna ibsaa irraa yoo xiqqaate meetira 20 fagaachuu akka qaban dubbataniiru.

Daamootiin ennaa manaa bahu wantoota ibidda qabsiisan waliin wal qunnamuun ibidda akka hin kaasneef of eeggannoo cimaan akka barbaachisu himaniiru.

Yeroo gannaa kana daamootiin jiidhaa waan ta’eef, ibidda qabsiisuuf boba’aa fayyadamuu yaaluun gonkumaa fudhatama akka hin qabne ibsuun, hawaasni filannoo biroo akka fayyadamu akka qaban dhaamaniiru.

Ayyaanichaaf hamma daamootii barbaachisu qofa fayyadamuun sirnicha booda ibiddi hafe kamiyyuu bishaaniin dhaamsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Hojjettoonni komishinichaa dameelee 11 fi wiirtuu guddicha magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila sa’aatii 24 kennuuf qophii ta’uu hubachiisanii; yoo balaan tasaa mudate 939 ykn sarara bilbilaa kallattiin 0111555300 fi 0

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply