Hayyoonni dhimma ulaa galaanaa hawaasa addunyaa hubachiisuuf miidiyaalee fayyadamuu qabu- Pirezidaantii Yuunivarsitii Salaalee Dr. Fayyeeraa Dhiinsaa

You are currently viewing Hayyoonni dhimma ulaa galaanaa hawaasa addunyaa hubachiisuuf miidiyaalee fayyadamuu qabu- Pirezidaantii Yuunivarsitii Salaalee Dr. Fayyeeraa Dhiinsaa

AMN PLUS- Onkololeessa 04/2018

Gaaffii itti fayyadama ulaa Galaanaa Itoophiyaan gaafachaa jirtu milkeessuuf, hayyoonni qorannoofi qo’annoo gaggeessuun cinatti miidiyaaleetti fayyadamuun sadarkaa idil-addunyaatti dhiibbaa taasisu qabu jedhan Pirezidaantiin Yuunivarsitii Salaalee Dr. Fayyeeraa Dhiinsaa.

Yuunivarsitichi Kora dhimma Ulaa Galaanaa irratti xiyyeeffate hayyoota hirmaachisuun taa’eera.

Pirezadaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dr. Fayyeeraa Dhiinsaa biyyi guddoon gaanfa Afrikaa Itoophiyaan shira keessaafi alaatiin ulaa galaanaa dhabuu ibsuun, mirga fayyadama ulaa galaanaa deebistee akka gonfattuuf yuunivarsiitichi Qorannoofi qo’annoo galtee imaammataa ta’an dhiyeessuun gumaacha isaa kan bahu ta’uu ibsan.

Haayyotni seenaa qorannoon gamatti miidiyaaleen dhiyaachuun ajandaa ulaa galaanaa hawaasa addunyaaf hubachiisuu akka qabanillee dubbatan.

Lammiileen Itophiyaas ulaa galaanaa harka isaanitii bahe deebisanii argachuuf garaa garummaa gama kamiin jiru hunda dhiisanii fedhii biyyaalessaafi faayidaa walootiif dursa kennuu akka qaban Dr Fayyeeraan dhaamaniiru.

Waltajjiiwwan uumuunis Yuunvarsitiwwan biyya keessaaf Alaa hirmaachisuun marii walitti fufiinsa qabu bu’aa qabatamaa fiduu danda’u haayyota fi dhimmamtoota hirmaachisuun cimee ni hojjetama jechuun Dr. Fayyeeraan himan.

Kora kana irratti waraqaa qorannoo Barsiisaafi Qorataan Seenaa Yunvarsiitii Salaalee Darajjee Hayileefi Barsiisaafi Qorataan Saayinsii Siyaasaa Jabeessaa Asfaaw dhiyeessaniiru.

Ulaa galaanaa harka Itoophiyaatii bahe filmaatilee diiploomaasii ittiin deebisuun danda’amu irrattillee yaadotni dhiyaataniiru.

Dhimmi Ulaa Galaanaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu Lammiilee Itoophiyaa waan ta’eef, ulaa galaanaa kana harkatti galfachuuf garaagarummaa gama kamiin jiru hunda dhiisnee fedhii biyyaalessaafi fayidaa walootiif dursa kennuun tokkummaan dhaabbachuu qabna jedhan Hayyoon kunneen.

Carraaqqii mootummaan amma jalqabe galma akka gahuuf kutaaleen hawaasaa hundi abdii kutannaa tokko malee cichee tumsa barbaachisaa taasisuus dhaamuu Kominikeeshinii Shawaa Kaabaa nu biraan gahe.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply