Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa humna walii galaa maddisifame keessaa dhibantaa 33.2 gumaachuu isaa Humni Ibsaa Itoophiyaa ibseera.

You are currently viewing Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa humna walii galaa maddisifame keessaa dhibantaa 33.2 gumaachuu isaa Humni Ibsaa Itoophiyaa ibseera.

‎AMN-PLUS-Hagayya 2/2017

‎Raawwii karoora baajata bara 2017 fi karoora baajata bara 2018 ilaalchisee ibsa gaazexeessummaa Dhaabbanni Humna Elektirikii Ityoophiyaa baaseen Hidhi Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa (GED) fi Warshaaleen Humna Ibsaa Gibee 3 (GEP) humna waliigalaa bara bajataa keessatti maddisiifame keessaa dhibbeentaa 33.2 fi dhibbeentaa 24.2 gumaachaniiru.

‎Hojii Gaggeessaan Humna Elektirikii Itiyoophiyaa Injinar Ashabbir Baalchaa akka jedhanitti, bara bajataa kana keessatti Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa dabalatee warshaaleen humna elektiriikaa 20 anniisaa sa’aatii gigawattii 25,423 oomishuuf karoorfamee anniisaa sa’aatii gigawattii 29,480 oomishameera.

‎Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GEDP) fi warshaaleen humna elektiriikaa Gibee 3 bara bajataa kana keessatti anniisaa waliigalaa maddisiifame keessaa dhibbeentaa 33.2 fi dhibbeentaa 24.2 gumaachuu isaanii ibsaniiru.

‎Bara baajataa 2017 xumurametti gurgurtaa humna ibsaa biyyoota keessaa fi alaafi tajaajiloota kanaan walqabatan irraa birrii biiliyoona 75.4 argamuu ibsaniiru.

‎Kunis dhaabbatichi galii sharafa alaa bara baajataa 2016tti doolaara miiliyoona 140 ture bara baajataa 2017tti gara doolaara miiliyoona 388tti akka guddatuu kan dandeessise tahuu ibsaniiru.

‎Bara baajataa kana keessatti pirojektoonni humna ibsaa afur ijaaramaa akka turan kaasuun, isaan keessaas lama bara 2018 hojii kan eegalan tahuu himaniiru.

‎Pirojektiin humna ibsaa Koyishaa dhibbeentaa 71 irra gahuu himuun, Pirojektiin humna qilleensaa maddisiisu ammoo dhibbeentaa 85 irra gahuu ibsaniiru.

‎Pirojektoota humna ibsaa dabarsanii fi raabsan keessaa shan tajaajila kennuu kan eegalan tahuus dubbataniiru.

‎Dhaabbatichi bara bajataa 2018tti humna ibsaa giigaa waattii kuma 38 fi 124 maddisiisuu fi gurgurtaa humnaa ibsaa irraa Birrii biiliyoona 109 argachuuf karoorfachuu isaa Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply