Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Hidhi Haaromsaa ijoollee Itiyoophiyaa misoomaaf kan qindeesse pirojektii yaadama ida’amuun ijaarameedha jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa hiriirri deeggarsaa magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffamuu ibsaniiru.
Qormaatilee gidduutti ciminaan dhaabbachuun injifannoon Hidha Haaromsaa irratti argine dandeettiiwwan misoomaa magaalaa Dirre Dhawaa misooma biyyaaf oolchuuf jajjabina uuma jedhan.
Jaalalaafi nageenya qofa osoo hintaane, misoomaa fi jijjjiiramaaf hojjechuunis ibsituuwwan magaalattii ta’uu ibsaniiru.