Hidhi Haaromsaa imala biyyattiin gara badhaadhinaatti taasiftu ni ariifachiisa- Obbo Addisuu Araggaa.

You are currently viewing Hidhi Haaromsaa imala biyyattiin gara badhaadhinaatti taasiftu ni ariifachiisa- Obbo Addisuu Araggaa.

‎AMN PLUS – Hagayya 26/2017

‎Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa imala Itoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu ni ariifachiisa jechuun Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa ibsan.

‎Hidhi haaromsaa guddichi gamtaan kan itti dhugoome lammileen Itoophiyaa ibsituu bara ol-ka’uu isaanii kan ittiin dhugoomsanii fi wal-danda’an akka ta’e ibsan.

‎Itoophiyaanonni rakkoowwan waliin dhaabbatanii qormaata jiru darbuun hojiiwwan jalqaban xumuruu akka danda’an hidha itti mirkaneessan akka ta’e dubbataniiru.

‎Xumuramuun hidhichaa Itoophiyaaf faayidaa hedduu akka qabu kaasanii akka biyyaatti humna maddisiisuuf dandeettii jiru akka guddisu ibsaniiru

‎Waliin gahiinsa elekitiriikaa guddisuun guddina diinagdee biyyaatiif baballina indastirii fi ce’umsa qonnaaf furtuu jabaa akka ta’ellee ibsanii jiru.

‎Hidhichi oomisha qurxummiif faayidaa akka qabu, Ministirichi himaniiru.

‎Oomishi qurxummii dargaggootaaf carraa hojii irra darbee indastiriif haala akka mijeessu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply