Hidhi Haaromsi Guddichaa Itoophiyaan ni danda’amaa kan itti mul’atedha- Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Hidhi Haaromsi Guddichaa Itoophiyaan ni danda’amaa kan itti mul’atedha- Abiyyi Ahimad (Dr.)

AMN – Bitootessa 11/2017

Hidhi Haaromsi Guddichaa Itoophiyaan ni danda’amaa kan itti mul’ate, dogongora keenya kan itti sirreessinedha jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.)

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) yaadaafi gaaffii miseensota mana maree bakka bu’oota uummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Piroojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa laga Abbaayaa xumuruuf hojiileen gara garaa raawwatamuu kaasaniiru.

Sadarkaa xumuraarra kan gahe Hidha Haaromsaa bara dhufu waliin eebbisuun seenaa taasifnas jedhan.

Hidhi kun biyyoota yaa’a gara gadiirra jiraniif bu’aa olaanaa qaba, sababa hidhichi guutameen bishaan hidha Aswaan irraa hir’ate akka hin jirre MM kaasaniiru.

Nuti kan waadaa galle kana raawwachuuf ture, kunis qabatamaan milkaa’eera, Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaas qabeenya Afrikaati jedhan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply