“‎Hin dandeenyu jedhu, hojjatamee yoo arginus hin amanan”- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing “‎Hin dandeenyu jedhu, hojjatamee yoo arginus hin amanan”- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 01/2018

‎Koriidarii Baadiyyaa Godinoota Kambaataa, Hadiyyaa Silxeefi Halaabaatti hojjatame ilaalchisee Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad hoggantoota waliin marii gabaabaa taasisaniiru.

Maricharrattis nuti Itoophiyaanonni “Hin dandeenyu jenna, hojjatamee yoo arginus amanuu dhabuutu jira” jechuun dubbataniiru.

‎Akka Afrikaatti qaroomina hedduu addunyaaf gumaachame kan hojjate nu miti jennee shakkuun akka jiru ibsaniiru.

‎Yoo hojjatamee argamu ammoo amanuu dhabuun akka jiru kan ibsan Ministirri Muummee, cabiinsi yaadaa akkasii akka hafuu qabu hubachiisaniiru.

‎Xiyyeeffannoofi kallattii sirriin yoo hojjatame hojiin hin milkoofne akka hin jirre ibsuun, misoomni kooridariifi ijaarsi manneen Baadiyyaa baatii 3 keessatti hojjatame kunneen agarsiistuu tahuu kaasaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply