Kaaba Hindii bulchiinsa Utaar Piraadiishitti guyyaa kaleessaa mudannoon tasaa mudate fuula miidiyaa hawaasummaa irratti mul’achaa jira.
Jaldeessi naannichatti argamu boorsaa biskeleettii mootaraa keessaa maallaqa Hindii ruuppii kuma 80 kan hate fudhatee bosonatti miliquu hin barbaanne.
Isumayyuu jaldeessichi maallaqa boorsaa keessa ture fuudhee ariitiin muka irra erga bahee booda maallaqa boorsaa keessa ture basee bittinneessuun jiraattotaan hoodhaa fudhadhaa jedha.
Namoonni naannoo sana turan maallaqa harka jaldeessaatii roobu sana funaanuuf fiigichi isaan godhan fuula miidiyaa hawaasaatti erga gadi lakkifamee booda ajandaa ijoo ta’eera.
Fuula addaddaa irratti hanna kan raawwatan jaldeessota otuu hin taanee maallaqa bittinnaa’e fuudhanii namoota hin deebisnu jedhan irratti yaadi baayyachaa jira.
Dargaggeessi Hindii jaldeessaan hanni itti baayyate Injuu Kumaar kan jedhamu jiraataa mandara doondaapuur yaroo ta’u bulchiinsa piraadish bakka saamichi itti isa mudate abbaa isaa,wajjin bahee caalbaasii lafaa irratti hirmaachuuf ture. Dargaggeessichi maallaqicha boorsaa keessa kaahee yaroo sanadoota caalbaasii galaggalchaa turetti akka tasaa gochi kun raawwate.
Maallaqa jaldeessi hattuun sun naannoo sanatti maallaqa bittinneesseen irra darbee maallaqi hangi isaa hinbeekamne tattarsaasaa gaggataa miidiyaa hawaasaa irratti viidiyoon argamaa ture.
Abbaan maallaqichaa Aanjuu Kumaar abbaa isaa fi namoota qajeeloo waliin ta’anii funaanuuf yaalii godhan ruuppii kuma 52 argachuu danda’uu ta’ee hafiin ruuppii kuma 28 immoo namootaan akka fudhatamee fi jaldeessaanis tatarsa’eera.