Xumuramuu hidha haaromsaa sababeeffachuun hiriira deggersaa bor ganama taasifamuuf daandiiwwan muraasni cufaa akka ta’an Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Halkan sa’aatii 10:00 irraa eegalee,
- Mana murtii Lidataa irraa kaasee hanga Dirree Masqalaa hanga Meeksikootti
- Atilaasirraan gara Bataskaana Qulqulluu Uraa’el geessu, hamma Piikook Mabraatiitti
- Bulgaariyaa gara Meeksikoo, hamma Xamaamaa Fooqiitti
-Bataskaana Qulqulluu Uraa’elii hanga Dirree Masqalaatti (Baambiis, Hospitaala Maqrazitti)
-Addabaabaayii Olompiyaa hanga Dirree Masqalaa
– Masarat Biyyaalessaa hanga Dirree Masqalaatti
- Meetiriyooloojii hamma Tiyaatira Biyyaalessaatti
-Addabaabaayii Taklahaayimaanotii hamma Immigireeshinii, Xiqur Ambasaaatti
- Nigid Mattaamiyaa hamma Filuwaatti
-Charchilii hamma Xiqur Ambassaatti
- 4 Kiiloo hamma Dirree Masqalaa, Ibsaa Paarlaamaatti
-Ibsaa Harraambee hamma Ibsaa Saanjooseeffitti
- Tiyaatira Biyyaalessaa hamma Ibsaa Lagahaaritti
- Sangaa Taraa 40/60 gara Sanhaa Taraa Lagahaaritti jallatanitti
- Araqee Faabriikaa hamma Sangaa Taraa, Ibsaa Meeksikkootti
- Lidataa gara Addabaaabaayii Meeksikoo, maqaa Hospitaala Baalchaatti
-Imbaasii Vaatikaanii gara Saarbeetii geessu hamma Addabaaabaayii Saarbeetiitti
- Qulqulluu Yooseefii hamma Dirree Masqalaa, Tiyaatira Agoonaatti
- Bultoo Taabotaa Qulqulluu Qiirqoosii hamma Addabaaabaayii Bultoo Taabotaa Qulqulluu Qiirqoositti, daandiiwwan waan cufaa ta’aniif har’a sa’aatii 12:00 irraa eegalee konkolaataa dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ibsa Addis Miidiyaa Neetworkiif ergeen beeksiseera.