Hojiileen nageenyaa uummata bu’uureffatan nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa akka mirkaneessan Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksise

You are currently viewing Hojiileen nageenyaa uummata bu’uureffatan nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa akka mirkaneessan Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksise

‎AMN PLUS – Hagayya 14/2017

‎Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa, hojiin nagaa fi tasgabbii ummata irratti hundaa’uun hojjatame nagaan akka mirkanaa’u taasiseera jechuun ibsaniiru.

‎Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii raayyaa nageenyaa kaadhimamtoota ta’an marsaa shanaffaan guutummaa magaalichaatti har’a leenjisuu eegaleera.

‎Magaalaa guddoo kanatti barana taateewwan gurguddoon idil-addunyaa, ayyaanonni amantii fi aadaa hirmaattonni kuma dhibbaan lakkaa’aman irratti hirmaatan nagaadhaan akka xumuraman ibsaniiru.

‎Milkaa’ina kanaafis, gumaachi gurmaa’insa raayyaa nageenyaa olaanaa akka ta’e hubachiisaniiru.

‎Gurmaa’insa kana daran cimsuuf bara 2018’tti kana caalaa akka hojjatamu beeksisaniiru.

‎Leenjichi wixineefi tooftaa loltummaa dirree kan hammate yoo ta’u kutaalee magaalaa 11 keessatti, leenjifamtoota Kuma 11 caalaniif, guyyoota 15’f akka kennamu beekameera.

‎Mohaammad Toofiqiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply