Hojiin gabaa fi oomishtummaa Bunaarratti hojjetame galii damichaa guddiseera – Abbaa taayitaa Bunaa fi Shayii

You are currently viewing Hojiin gabaa fi oomishtummaa Bunaarratti hojjetame galii damichaa guddiseera – Abbaa taayitaa Bunaa fi Shayii

AMN PLUS – Caamsaa 08/2017

Hojiin gabaa fi oomishtummaa Bunaarratti hojjetame galii damichaa guddisuusaa Daarektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itiyoophiyaa Addunyaa Dabalaa (Dr.) Ibsan.

Bara baajatichaa baatii 10 keessatti Buna biyya alaatti ergame irraa galiin doolaara biiliyoona 1.8 argamuu daarektarichi dubbataniiru.

Daarekteerri olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itiyoophiyaa Addunyaa Dabalaa (Dr.) TOI ‘f akka ibsanitti, Mootummaan Omishaa fi Omishtummaa Bunaa dabaluu fi qulqullina isaa fooyyessuun gabaa Addunyaa irratti dorgomaa ta’uuf xiyyeeffannon hojjetaa jira.

Kanaafis bara baajatichaa baatiiwwan kurnan darbanitti buna toonii kuma 300 fi kuma 54 alatti erguun galiin Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 1. 8 argamuu ibsaniiru.

Kunis seena daldala buna alergii keessatti raawwiin olaanaan galmaa’uusaa daarektarichi dubbataniiru.

Raawwichi kan bara darbee yeroo kana waliin yoo madaalamu baay’inaan toonii kuma 100 fi kuma 45n dabaluu ibsanii, galiidhaan Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 800 fi miiliyoona 70 dabaluu daarekteerichi ibsaniiru.

Buna bal’inaan dhaabuu , kan dullooman gamashuun buna qulqullinaan omishuun danda’ameera kan jedhan Addunyaan (Dr.) omishni bunaa hektaararraa argamu dabaluu fi cancala daldalaa gabaabsuu irratti hojii hojjetameen raawwiin fooyya’aan galmaa’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan omisha buna gabaa dhufuuf dhiheessitu waggaa gara waggaatti baay’inaanis ,qulqullinanis dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Bara baajatichatti baatiiwwan hafanitti daldala bunaa irraa galiin argachuuf karoorfame doolara biiliyoona 2 geessisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbachuusaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply