Hojiin Misoomaa koriidariifi misoomaa qarqara lageenii hojjetamaa jiru balaa lolaan wal qabatee mudachaa ture akka hir’isa jiraachu isaa himame
Komiishiniin Hooggansa Sodaa balaafi Ibiddaa damee kutaa Magaalaa Guullallee waqtii Gannaa waliin wal qabatee balaa lolaan mudatan karaa ittisuun dabdaa’amu irratti qooda fudhatoota waliin mari’achaa jira.
Hoji-Gaggeessaan kutaa Magaalaa Guullallee Obbo Yohaannis Nagaash, hojiin Misoomaa koriidariifi misoomaa qarqara lageenii hojjetamaa jiru balaa lolaan wal qabatee mudachaa ture hirisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himan.
Akka kutaa magaalichaatti bakkeewwan balaaf saaxilamoo ta’an 27 adda baafamee irratti hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Kanneen keessa bakkeewwan 9 balaa lolaa, bakkeewwan 9 balaa ibiddaafi bakkeewwan 9 ammoo balaa sigiga lafaafi kanneen biroof kan saaxilaman ta’uu himameera.
Hoji raawwachiisaa olaanaa Kutaa Magaalaa Guullallee Obbo Waldee Wagasee balaa
ibiddaas ta’ee lolaan waliin wal qabatee mudachuu danda’u ittisuuf hawaasaaf hubannoo uumuu dabalatee gama hundaan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Waltajjicha irratti waraqaan Qorannoo mariif ta’u dhiyaate irratti mari’atamaa jira.
Jiraataa Biyyanaatu Gabaase