Hojiirra oolmaan murteewwan mirga ulaa galaanaa argachuu addunyaalessaa cimuu qaba jedhan Obbo Abdulbar Shamsuu.

You are currently viewing Hojiirra oolmaan murteewwan mirga ulaa galaanaa argachuu addunyaalessaa cimuu qaba jedhan Obbo Abdulbar Shamsuu.

‎AMN PLUS- Hagayya 2/2017

‎Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne hojiirra oolmaa seerota mirga ulaa galaanaa argachuuf dandeessisan cimsuun xiyyeeffannoo addaa akka barbaadu Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Galaanaa Itoophiyaa Obbo Abdulbar Shamsuu ibsaniiru.

‎Konfiraansiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Sadaffaa Biyyoota Guddachaa jiranii ulaa galaanaa hin qabnee Turkiministaan keessatti gaggeeffamaa jira.

‎Maricharratti Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Humna Galaanaa Itoophiyaa Obbo Abdulbar Shamsuu haasawaa taasisaniin, bu’uuraalee misoomaa itti fufiinsa qabaniifi sirni geejjibaa bu’a qabeessa ta’e tarsiimoo misoomaa Itoophiyaa keessatti xiyyeeffannoo ijoo ta’uu ibsaniiru.

‎Waggoota 10 darbanitti Itoophiyaan bu’uuraalee geejjibaa daandii, baaburaa, buufata doonii goggogaa fi wiirtuuwwan loojistikii dabalatee invastimantii guddaa taasisuu ishee hubachiisaniiru.

‎Daayirektarri olaanaan kun sarara baaburaa Finfinnee -Jibuutii kiiloo meetira 750 dheeratu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

‎Buufata doonii goggogaa saddeet hundeessuun dhiphina buufata doonii hir’isuu, geejjibaa modaalii hedduu cimsuu fi tajaajila gumurukaa mijeessuuf gumaachaa akka jiru hubachiisaniiru.

‎Itoophiyaa fi Jibuutii, Finfinnee fi Naayiroobii, akkasumas Itiyoophiyaa, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa geejjibaan wal qunnamsiisu “Pirojektii Laapseet” dabalatee koridaroonni bu’uuraalee misoomaa tarsiimowaa ta’an jiraachuu eeraniiru.

‎Tarsiimoon bu’uuraalee misoomaa Itoophiyaa Naannoo Daldala Bilisaa Ardii Afrikaa (AfCFTA) waliin guutummaatti kan wal simu ta’uu Daayirektarri Olaanaa kun ibsaniiru.

‎Gama mirga galaanaa argachuu fi bu’uura seeraatiin Itoophiyaan seera addunyaatiin mirga galaanaa argachuu fi darbiinsa biyyoota ulaa galaanaa hin qabnee eeguuf iddoo guddaa kenniti jedhan Daayirektarichi.

‎Itoophiyaan tajaajila daangaa tokkicha hundeessuun seera gumurukaa walsimsiisuu dabalatee imaammattoota hojiirra oolchuuf tattaaffii milkaa’aa taasifachaa turuu ibsaniiru.

‎Mul’ata waloo jijjiirama dinagdee gaanfa Afrikaa galmaan ga’uu fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf miiltoowwan misoomaa naannoo fi idil-addunyaa waliin akka hojjatan Daayirektarri kun waamicha dhiyeessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply