Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjii mana maree Kaawunsilii tiraansfoormeeshinii Qonna Oromiyaa marsaa 3ffaa irratti argamuun kallattii hojii kennaniin Kaawunsiliin tiraansfoormeeshinii qonnaa Oromiyaa bu’aa mul’achaa jiru caalmatti guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.
Ministirri Ministeera Qonnaa Girmaa Amantee (Dr.) gamasaanittin hojii qonnaa waggoottan darban keessatti hojjetameen bu’aa gaariin kan itti argame ta’ullee galma yaadame bira akka hin gahamne himan.
Jalqabbiin itti fayyadama makanaayizeeshinii irratti jiru fooyya’iinsa kan qabu ta’ullee humna jiru wajjiin waliin ammas humna guddaa kan gaafatu ta’uu Dr. Girmaan himanii jiru. BKO