Hojjettoonni Daandii Qilleensaa Itoophiyaa hojiiwwan misoomaa Magaalaa Finfinnee keessatti kana dura hojjetamaniifi hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Hojjettoonni Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, kunneen sagantaa daawwii kanarratti akka jedhanitti, misooma biyyoota alaatti arginee hawwaa turre, waliin kan wal madaalu hojiiwwan misooma kooridarii ajaa’ibsiisaan hojjetamuufi hojjetamaa jiraachuu argineerra jedhan.
Hojjettoonni Daandii Qilleensaa Itoophiyaa,daawwannaa taasisaniin,Paarkii Boolee Bulbulaa, Mana Barumsaa Jaarraa Abbaa Gadaa Sadarkaa 1ffaa fi manneen waliin jireenyaa hojjettoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ijaaramaa jiru daawwataniiru.
Daawwannichi Ejensii ‘Trust Fund’ Magaalaa Finfinneetiin kan qindaa’e yoo ta’u, hojjettoonni Daandii Qilleensaa Itoophiyaa deeggersa namoomaa hedduu taasisuudhaan Ejensicha cinaa dhaabbachaa jiraachuun himameera.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.