Hojjettoonni fi Hoggantoonni Itiyoo Telekoom sagantaa biqiltuu dhaabuu adeemsisan

You are currently viewing Hojjettoonni fi Hoggantoonni Itiyoo Telekoom sagantaa biqiltuu dhaabuu adeemsisan

‎AMN PLUS- Adoolessa 24/2017

‎Hojjettoonni fi Hoggantoonni Itiyoo Telekoom Finfinnee dabalatee naannolee adda addaatti sagantaa dhaabbii ashaaraa magariisaa guyyaa tokkootiin biqiltuu dhaaban.

‎Itiyoo Telekoom damee misooma magariisaa keessatti fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf tarsiimoo addaa bocee hojjechaa jiru keessaa ashaaraan magariisaa isa tokko ta’uu ibsameera.

‎Sagantaa Inishiyeetiivii Magariisaa marsaa 7ffaa irratti biqiltuu dhaabuuf qophaa’aa akka jiru ibsuun, sagantaa dhaabbii biqiltuu magariisaa guyyaa tokkoo irratti hirmaachuu isaa ifoomseera.

‎Dhaabbatichi teknoloojii dijitaalaa addunyaa hawaasaaf dhaqqabamaa taasisuu cinatti, dameelee hedduu irratti itti gaafatamummaa isaa ba’aa jiraachuu eereera.

‎Itoophiyaan bu’uuraalee teknoloojii itti fufiinsa qaban kan gara dinagdee magariisaatti tarkaanfachaa jirtu itti fufiinsaan deeggaran ijaaraa akka jiru akeekeera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply