Hooggantoonnii fi hojjettoonni AMN sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa ‘dhaabuun bayyanachuudha’ mata duree jedhuun giddugala biqiltoota Gullalleetti biqiltuu dhaabaniiru.
Misooma ashaaraa magariisaa lammiilleen biyyaatti xiqqaa hanga guddaatti itti hirmaatan kana hojjettoonni AMNs qooda isaanii tokkummaan bahuun giddugala biqiltoota Gullalleetti ashaaraa isaanii kahaaniiru.
Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN obbo Kaasaahun Gonfaa ergaa dabarsanin hojjetooni miidiyaan keenyaa biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin ta’in hawaasni akka hirmaatuuf ni barsiifna akkasumas ni dammaqsina jedhan.
Itti dabaluunis biqiltuu dhaabaanii deemuu qofa osoo hin ta’in akka ijoolleetti kununsinee guddisuu akkasumas hawaasnis akka kununsarratti xiyyeeffatan barsiisuu qabnas jedhaniiru.

Hojjettoonni AMN waggottan dabranillee giddugala kanatti biqiltuu dhaabuun hirmaannaan isaanii guddaa ta’uu Hogganaan giddugala biqiltoota Gullallee Obbo Makibab Maammoo dubbataniiru.
Duulaa ashaaraa magariisaa dhaabuun akka biyyaatti raawwatameefi hirmaannaa dhaabbileen garagaraa taasisaa turan gabaasuun yaadatamus har’a ammoo biqiltuu dhaabuudhan qooda keenya bahachaa jirra jedhu hooggantoonniifi hojjettoonni AMN.
Baranas biqiltuu hedduu giddugala biqiltoota Gullallee kanatti dhaabuun sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa galmaan gahaniiru.
Shuumii Badhaasootu gabaase