Dandeettii hooggansaa cimsuuf Hoggantoota Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif har’a irraa jalqabee Leenjiin kennamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsaniiru.
Obbo Kaffaaloon hooggansa mootummaa sadarkaa sadarkaan jiru cimsuuf leenjiin daran akka barbaachisu himaniiru.
Leenjiin kunis injifannoowwan kanaan dura seektara hunda keessatti galmaa’an caalmaatti itti fufsiisuuf kan kaayyeeffate ta’uu ibsaniiru.
Bu’aawwan baay’een gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, ijaarsa sirna dimookiraasii fi dippiloomaasii alaa wajjin Wal qabatee argame olaanaa ta’uus dubbataniiru.
Injiffannoowwan kunis kan argaman gaggeessummaa paartii Badhaadhinaa fi hojii mootummaan hojjeteen ta’uu himaniiru.
Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamu yoo ta’uu muuxannoowwan kanaan dura akka injifannootti galmaa’an yaadachuunfuulduraaf caalmaatti fooyyessuuf kan gargaaruu ta’uu ibsameera.
Leenjiin kunis magaaloota kanneen akka Maayaa, Adaamaa, Shaashamannee, Bulee Horaa, Amboo, Naqamtee fi Jimmaatti hooggantootaa kuma 4 oliif akka kennamaa jiraachuu himameera.