Hooggatoonnifi ogeeyyoonni sab-qunnamtii odeeffannoo waqtawaa ummataaf waliin gahuu akka qaban ibsame.

You are currently viewing Hooggatoonnifi ogeeyyoonni sab-qunnamtii odeeffannoo waqtawaa ummataaf waliin gahuu akka qaban ibsame.

‎AMN PLUS- Adoolessa 23/2017

‎Hooggatoonnifi ogeeyyoonni sab-qunnamtii odeeffannoo waqtaawaafi sirrii walgahinsa taasisuurratti gahee isaanii cimsuu akka qaban ibsame.

‎Hooggatoonni sab-qunnamtiifi Ogeeyyoonni odeeffannoo waqtaawaafi sirrii walgahinsa taasisuurratti gahee isaanii cimsuu akka qaban Waajjira Paartii Badhadhiinaatti Hoogganaan Damee sab-qunnamtiifi wal- qunnamtii addunyaa Biqilaa Hurrisaa ( Dr.) hubachiisaniiru.

‎Jijjiirama dhufe hordofuun hojiileen hojjetaman bu’aan ummata fayyadamaa taasisan galmaa’us himaniiru.

‎Daangaan siyaasaa akka bal’atee ibsuun tokkummaan sabaafi sab-lammootaa kan cimsan hojiileen baay’een raawwatamuu beksisaniiru.

‎Gama dipiloomaasitiiniis hojiileen raawwataman faayidaa biyyaaleessa kan guddisan ta’u ibsameera. Haalli kun ammo Itoophiyaan fudhatama argachaa akka dhuftee agarsiisas jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply