Hoospitaalli Ispeeshaalaayizdii Xuqur Ambassaa tajaajila yaala fayyaa bilisaa namoota kuma 5f kennuu eegaleera.
Sagantichi qaama tola ooltummaa waqtii gannaa yoo tahu namoota ofiin yaalamuuf humna hinqabneef bilisaan kan kennamu ta’uun ibsameera.
Tajaajilli kum kutaa magaalaa Qiirqositti guyyoota 3f kan kennamu ta’uun himame.
Hojiin tola ooltummaa akkasii bakkeewwan garaagaraatti babal’achuu akka qabus saganticha irratti eerameera.
Tsahaay Zawudeetu gabaase