Sagantaa tola Ooltummaa bara kanaaf Kolleejjiin yaala fayyaa miliniyeemii Qidduus phaawuloos Tajaajila yaala fayyaa bilisaa torbee tokkoof turu kennuu eegaleera.
Saganticha kan eegalchiisaan Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Aadde Firehiwoot Abbabaa bara baajataa xumurametti lammiilee miiliyoona 4 ol tajaajila tola ooltummaan fayyadamoo taasisuu ibsaanii, bara baajataa dhufutti immoo lammiilee miiliyoona 5 tajaalila tola ooltummaan fayyadamoo taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Sagantaan kun Adoolessa 21 hanga 27/2017 kan turu yoo ta’u lammiileen kuma 100 tajaajila yaala fayyaa bilisaa kanaan fayyadamoo akka ta’anis ibsameera.
Geetaahun Katamaa