Humna keessoo cimsuufi omishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Adam Faaraah ibsan

You are currently viewing Humna keessoo cimsuufi omishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Adam Faaraah ibsan

AMN PLUS Caamsaa 11/2017

Humna keessoo cimsuufi omishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Hooggansi naannoleefi bulchiinsa magaalotaa bakka argamanitti waltajjiin qorannoo raawwii hojii maaddii guutuufi hojiiwwan sirna nyaataafi waadaa saqoxaa magaalaa Jimmaatti taa’aamaa jira.

Waltajjicharratti kallattiin fuula duraas ni kaa’ama jedhamee eegama.

Obbo Adam Faaraah waltajjicharratti ergaa dabarsaniin lafa bal’aa , humna namaafi qabeenya bishaanii qabnutti fayyadamuun humna qonnaa keenya guddisuun omishaafi omishtummaan akka dabaluuf hojjetamaa jiraachuu eeran.

Humna keessoo cimsuufi omishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus Obbo Adam Faaraah ibsaniiru.

Inisheetiiviiwwan garagaraa bacamanii hojiirraa olaa jiraachuu himuun kunneenis misooma qamadii, ruuzii, dammaafi dameewwan qonnaa kanneen biroo irratti kan xiyyeeffatan ta’uu kaasaniiru.

Waltajjicharratti hooggansi sadarkaa federaalaa, naannoofi bulchiinsa magaalotaa argamuusaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply