Humni Qilleensa Itoophiyaa Injiinarootaafi Teeknishaanota Xiyyaara ‘DHC-5 Buffalo’ suphuufi sadarkaasaa fooyyessuun hojiitti galchan galateeffate

You are currently viewing Humni Qilleensa Itoophiyaa Injiinarootaafi Teeknishaanota Xiyyaara ‘DHC-5 Buffalo’ suphuufi sadarkaasaa fooyyessuun hojiitti galchan galateeffate

AMN PLUS – Ebla 10/2017

Humni Qilleensa Itoophiyaa Injiinarootaafi Teeknishaanota waggaa 37 oliif tajaajilaan ala ta’ee ture Xiyyaara Pirezidaantiin Itoophiyaa duraanii Mangistuu H/Maariyaam ittiin tajaajilamaa turan ‘DHC-5 Buffalo’ suphuufi sadarkaasaa fooyyessuun hojiitti galchan galateeffateera.

Ajajaan Humna Qilleensa Itoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa humni qilleensaa naannoo qilleensa biyyattii haleellaarraa eeguu bira darbee hojii seenaa haaromsuu eegale cimsee itti fufa jedhan.

Xiyyaarichi guutummaan kan suphame, teeknlolojiiwwan jaarraa kanaa kan guutameef ta’uu kan mirkaneessan Ajajaan Humna Qilleensaa balalii irra deddeebiin gara humna qilleensaatti akka galu taasifamuu ibsuusaanii raayyaa ittisa biyyaarraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply