AMN PLUS – Hagayya 22/2017
Mootummaan Daandii walakkaa ol imalee humnootni hidhatan filannoo nagaa akka simatan tattaaffii taasisu cimsee akka itti fufu De’eetaan Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Federaalaa Obbo Tasfaahun Gobazaay dubbataniiru.
Komishiniin Haaromsaa Biyyaalessaa, naannoo Amaaraa keessatti hidhattoota duraanii kuma 65 caalaniif magaalota Dabra Birihaan, Kombolchaafi Gondar-Tsadaattu leenjii haaromsaa kennaa jira.
Dabra Birihaanitti argamuun, leenjitootaaf kan ergaa dabarsan Obbo Tasfaahun, hidhattoota duraanii deebisanii dhaabuuf hojiin hojjatamu cimee akka hojjatamu eeruun, mootummaan ummata wajjin ta’uun nagaa waaraa fiduuf yeroo hunda qophii ta’uu beeksisaniiru.
Kaasaahun Andu’aalam’tu gabaase.