Iddoowwan Hawwattoota beeksisuun fayyadamummaa gama damee turizimii dabaluuf ni gumaacha jedhame

You are currently viewing Iddoowwan Hawwattoota beeksisuun fayyadamummaa gama damee turizimii dabaluuf ni gumaacha jedhame

AMN PLUS- Waxabajjii 13/2017

Waldaaleen dawwachistootaafi ogeeyyiin midiyaa, Naannoo Oromiyaatti iddoowwan misooma turizimii daawwachaa jiru

Ogeeyyiin miidiyaa garagaraa irraa hirmaataniifi waldaaleen daawwachiftootaa, Naannoo Oromiyaa Godina Arsii lixaatti iddoowwan misooma turizimii misooman daawwatan

Kaayyoon daawwannaa kanaas naannoo sulula qinxaamaatti misooma turizimii Laangaanoo,Abijataa Shaalaafi Haroo Hawaasaa gama Magaalaa Bishaan Gurraachaan jiru beeksisuun fayyadamummaa gama damee turizimii Oromiyaa dabaluu akka ta’e Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti Daayireektarri Misoomaafi Piroomooshinii Turizimii Obbo Faantaahun Taaddasaa himan.

Waggoota jijjiiramaa asi damee turizimiif mootummaan xiyyeeffannoo kenneen misoomni turizimii yeroo gara yerootti guddataa dhufuu kan himan Obbo Faantaahun bu’aa qabatamaanis galmaa’aa dhufeera jedhan.

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas guddina sochii turizimii sadarkaa olaanaatti akka naannichaatti dhufaa jiru beeksisuu irratti hojii bal’aa hojjechaa jira jedhan.

Daawwii har’aatiin Paarkii Biyyaalessaa Abijaataa Shaallaatti haroowwan argamaniifi bishaan danfaa lafa jalaa shaallaa daawwatameera.

Guyyoota lamaan dhufanis itti fufuun, iddoowwan gahumsa tuuristii misoomaa jiraniifi buleeyyii sonni itti dabalamaa jiru kan akka hara Dambal, Laanganoofi hara Hawaas Magaalaa Bishaan gurrachaafi dhaabbilee tajaajila tuurizimii biroo kan daawwataman tahuu ragaan arganne ni mul’isa.

Darajjee Bayyanaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply