IGAD fayyadamummaa Godaantotaa mirkaneessuuf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa

You are currently viewing IGAD fayyadamummaa Godaantotaa mirkaneessuuf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa

AMN PLUS Caamsaa 11/2017

IGAD fayyadamummaa Godaantotaa naannichaa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiraniif deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu beeksise.

Konfaransiin Saayinsawaa afraffaan IGAD godaansa, fi magaalaa irratti qopheesse har’a Finfinneetti eegalameera.

Konfaransichi mata duree “godaansa, buqqa’uu fi magaalummaan dhiibbaa misooma egeree irratti qaban” jedhuun adeemsifamaa jira.

IGAD dhaabbata gargaarsaa Jarman, mootummaa Iswiidin, walta’insa magaalota idil addunyaa, walta’insa dhaabbilee mitmootummaa “ReDSS” jedhamuu fi foramii yuunivarsiitiiwwan IGAD waliin ta’uuni.

Hayyoonni, qorattoonni, kanneen imaammata baasan, ogeeyyonni misoomichaa fi qooda fudhattoonni biroon konfaransicharratti argamaniiru.

Barreessaa olaanaan IGAD Warqinaa Gabayyoo (Dr) bakka bu’uun dubbii kan dubbatan Itiyoophiyaatti waamamaan IGAD obbo Ababaawu Bihonany qormaatonni sosochiin namootaa naannicha keessatti dabaluu fi guddinni magaalotaa fidanii dhufan deebii qindaa’aa fi odeeffannoorratti hundaa’e akka barbaachisu ibsaniiru.

Sosochiin lammiileen naannoo IGAD keessatti taasisan guddina magaalotaa, walitti dhufeenya dinagdee fi hawaasummaarratti dhiibbaa geessisaa akka jiran dubbataniiru.

Jijjiiramni haala qilleensaa, jijjiiramoonni qubannaa ummataa fi haqa dhabeessi dinagdee godaansaa fi buqqa’uuf sababa ta’uu himaniiru.

Hayyoonnii fi qorattoonni konfaransicharratti hirmaachaa jiran walitti hidhamiinsa walxaxaa godaansi, buqqa’uu fi magaalaan wal hidhatan qorannoon adda baasuun yaada furmaataa yeroo dheeraaf tajaajilu akka maddisiisan dhaamaniiru.

Konfaransiin Saayinsaawaan kun amma Caamsaa 13 bara 2017tti akka turu TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply