IGAD fi Jaappaan dargaggoota gahoomsuu akkasumas nagaa fi tasgabbii cimsuu irratti waliin hojjachuuf waliigalaniiru.
Fooramiin Misoomaa Idil-Addunyaa Jaappaaniifi Afrikaa 9ffaa, Jaappaan, Magaalaa Yokaahaamaa’tti geggeeffamaa jira.
Barreessaan Olaanaa IGAD Warqinaa Gabbayyoo (Dr.) Fooramii kana biratti anga’oota biyyootaafi dhaabbilee idil-addunyaa garaa garaa wajjin marii taasisaa jiru.
Barreessaa Olaanaan kun Deetaa ministiraa Dhimma Alaa Jaappaan Fuujii Hisaayuukii waliin marii taasisaniiru.
Marii kana irratti gamni lamaan nageenya lammiilee eeguu, dargaggoota gahoomsuu akkasumas nagaa fi tasgabbii irratti tumsa qaban cimsuuf waliigaluu isaanii TOI’ tu gabaase.