Ministirri Muummee Itti aanaa Tamasgeen Xurunaan Ijaarsa daandii saffisaa Dirree Dhawaa – Mi’eessoo KM 144 uwwisuu eegalchiisan.
Sagantaa eegalchiisarratti obbo Tamasgeen haasawaa taasisaniin, daandichi daldalaa fi diinagdee biyyaa guddisuurraan darbee walitti hidhamiinsa naannawaaf dandeettii dabalataa kan uumuudha jedhan.
Akkasumas naannoolee lamaa fi Bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa kan walitti fidu ta’uu dubbataniiru.
Daandiin Saffiisaa kun murannoo mootummaan geejjiba ammayyeessuuf qabuufi Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf karoora qabaman milkeessuuf agarsiistuudha jedhan.
Gabaa biyya keessaaf carraa kan uumuufi galmoota naannawaa daldala bilisaa milkeessuufis gahee olaana bahataa jedhan.