Imalli gara Galaana Diimaa, daandii walakkaa ol tarkaanfateera- Laggasaa Tulluu (PhD)

You are currently viewing Imalli gara Galaana Diimaa, daandii walakkaa ol tarkaanfateera- Laggasaa Tulluu (PhD)

‎AMN PLUS- Hagayya 8/2017

‎Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Federaalaa Laggasa Tulluu (PhD), Itoophiyaan pirojektoota misoomaa hunda galeessa ta’een milkaa’ina galmeessisaa jiraachuu himan.

‎Itoophiyaan misooma koridoorii magaalaa fi baadiyyaa irratti boqonnaa haaraa akka bante eeruun waggoota torban darban keessatti dinagdee dhiibbaa addunyaa dandamachuu danda’u akka ijaarte ibsan.

‎Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa pirojektoota gurguddoo xumura irra gahan keessaa isa ijoo akka tahellee dubbatan.

‎Itoophiyaan imala karra galaanaa argachuuf taasistuun daandii walakkaa tarkaanfateetti jedhaniiru.

‎Milkaa’inoota argamaa jiran danquuf; diinonni biyyattii baandaawwan keessoon wal tumsuun olola guddaa akka jalqaban ibsaniiru.

‎Dr. Laggasaan dabaluunis sochiiwwan maqaa gaarii Itoophiyaa xureessuuf hojjetamaa jiran qolachuuf Sabaa-himaaleen Itoophiyaa miidiyaa dijitaalaatti dhimma bahuun akka qolachuu qaban dhaamuu isaanii EBC’n gabaaseera.

Humnoota walitti bu’iinsaa fi hookkara akka malaatti fayyadamanii Itoophiyaa laaffisuu fedhan hubachuu; lammiileen mirga abbaa biyyummaa eegsisuuf tokkummaan akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.

‎Kaayyoo humnoota walitti bu’iinsa uumuun Itoophiyaa dadhabsiisuuf itti fayyadamanii hubachuun, lammiileen birmadummaa biyyaa eeguuf akka waliin dhaabbatan waamicha dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply