Inisheetiivichi rakkoo damee ijaarsaa jiru furee dorgomaa taasisa- Obbo Tamasgeen Xirunaa

You are currently viewing Inisheetiivichi rakkoo damee ijaarsaa jiru furee dorgomaa taasisa- Obbo Tamasgeen Xirunaa

‎AMN PLUS – Hagayya 06/2017

‎Innisheetiiviin Tiraansfoormeeshinii Industrii Ijaarsaa rakkoolee damee kanaan jiru furee hirmaattotni damee konistiraakshinii Itoophiyaa biyyoota ollaa fi biyyoota Afriikaa tti dorgomoo akka ta’an ni gargaara jedhan Ministeerri Muummee itti aanaa Tamasgeen Xirunaa.

‎Sagantaa jalqabsiisa Innisheetiivii Tiraansfoormeeshinii Industirii Ijaarsaa Itoophiyaa adeemsifama jira.

‎Ministeerri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xirunaa saganticha irratti argamuun innisheetiivichi rakkoo damee ijaarsaa irra jiru furuuf abdii guddaa qaba jedhan.

Hirmaattonni damee ijaarsaas, qooda isaanii biyyoota ollaa fi biyyoota Afiriikaa birootti hojjechuuf dandeettii akka qabaataniif kan dandeessisu ta’uu isaa ibsaniiru.

‎Bara turtii 2025 hanga 2050tti innisheetiivichi Itoophiyaan damechaan dorgomaa taasisuu irra darbee damechi tiraansfoormeeshinii dijitaalaa waliin wal-qixa akka deemuuf haala mijaawaa kan uumu ta’uu dubbataniiru.

‎Ministirri Magaalotaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii gama isaaniitiin dameen ijaarsaa teeknoloojii fi hubannaa namtolcheen gurmeessuun kallaattii ergama innisheetiivichaa ta’uu kaasaniiru.

‎Kana irra darbee dhiyeessiin biyya alaa galchaa jirru oomisha biyya keessaan bakka buusuun hojii olaanaa innisheetiivichaa ta’uu himan.

‎Gorsitoonni kontraakterootaa ijaarsaas of gahoomsaa gara biyyoota Afriikaa addaddaatti bahuun akka hojjetaniif deggarsi akka godhamuufis Aadde Caaltuun dubbataniiru.

‎Maqdas Damiseetiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply