Inistitiyuutiin Qo’annoo Fi Qorannoo Oromoo Kora Qorannoo marsaa 18ffaan mataa duree Duudhaa keenyaan Dhalootaa Haa ijaarru kan Jedhuun adeemsifamaa jira.
Inistitiyuutiin Qo’annoofi Qorannoo Oromoo guddina aadaa, aartiifi afaan Oromoo irratti hojjechaa jiraachuu Daayirektara Olaanaa inistitiyuutichaa Dirribaa Tarrafaa (Dr.) himaniiru.
Inistitiyuutiichi erga hundeeffame as Qorannoowwan 200 ol hirmaanaa hayyoota waliin kan gaggeesse ta’uu himaniiru.
Hayyoota, qorattootafi dhaloonni amma aadaa,seenaa, aartii fi afaan isaa sirnaan guddisuuf gahee isaa bahaachuu qabus jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Haaromsaa Aadaa irratti xiyyeeffate hojjechaa jiruun, uummanni Oromoo duudhaafi aadaa Isaa ganamaati Akka deebi’ufi ijaaratuuf Gama hundaan fayyadamaa Akka ta’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu caffee Naannoo Oromiyaatti walitti qabduun Koree dhaabbii dhimma Dubartoota fi Hawaasummaa Aadde Mastaawot Fayyisaa himaniru.
Inistitiyuutiichi kora Qorannoo kana marsaa 18ffaan guyyoota lamaaf kan gaggeeffamuu yoo ta’u Qorannoowwan 7 kan dhiyaatu ta’uu jedhan
Dirribaa Yaadataatu Gabaase