Injifannoon Hidha haaromsa guddicha Itoophiyaatiin galmaaa’e kaka’umsa kan uumee fi pirojektoota biroo eegaluuf illee humna guddaa kan akka ta’u Kantiibaan Itti Aanaa fi Hoogganaan Biiroo Indastirii Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaayi ibsan.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee xumuramuu hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa ilaalchisee bakka hooggantootni bulchiinsa magaalichaa jiranitti ispoortii waloo gaggeesseera.
Saganticha irratti hooggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalichaa, dargaggoonni, maatiiwwan ispoortii akkasumas hawaasi addaddaa argamaniiru.
Kantiibaan itti aanaa fi hoogganaan Indastirii bulchiinsa magaalaa Finfinnee Obbi Jaanxiraar Abbaayi hidhi haaromsaa pirojektii Itoophiyaannonni mul’ata isaanii waliin ittiin dhugoomsan akka ta’e himan.
Jiraattotni Finfinnee milkaa’ina isaaf daangaa hanga daangaatti socho’uun mul’ata kana dhugoomsuuf gahee olaanaa bahuu dubbataniiru.
Gara fuulduraattis hojiiwwan misoomaa biroo irratti gamtaan caalmaatti hirmaachuu akka itti fufan dubbataniiru.
”Hidhi haaromsaa mallattoo tokkummaa Itoophiyaanotaati” jechuunis ibsaniiru.