Iraan buufatalee Waraana Ameerikaa kan biyyoota baha giddu galeessaa akka Iraaq, Sooriyaafi Kuwaatariitti argaman haleelte.
Tarkaanfii haaloo bahannaa Ameerikaarratti kan raawwatte Iraan akka ibsiteetti Ameerikaaf deebii quubsaa kennuu eegaleera jechuun dhaadatte.
Biyyattiin buufatalee waraana Ameerikaa akka haleeltu ifatti erga himte booda haleellaa Misaayilaatiin buufatalee Waraana Ameerikaa haleelte.
Iraan haleellaa Misaayilaa Kuwaatar Dohatti erga raawwatte daqiiqaa muraasa booda buufata Waraana Ameerikaa kan Sooriyaatti argamuun haleeluu Aljazeran gabaaseera.
Haleellaa raawwatame booda Mootummaan Kuwaatar Lammiileen Ameerikaafi Inglaand of eeggannoo akka taasisan dhaameera.
Ameerikaan ibsa har’a baasteen Lammiileen biyyatti biyyoota addunyaa garagaraa keessaa jiran of eeggannoo taasisuu akka qaban dhaamuun ni yaadatamaa.
Namoomsaa Baalliitiin