Iraan Meeshaalee Waraanaa Niwukilaraa hin barbaadduu- Masooyudi Pezekiyaan

You are currently viewing Iraan Meeshaalee Waraanaa Niwukilaraa hin barbaadduu- Masooyudi Pezekiyaan

AMN PLUS- Fulbaana 15/2018

Pirezdaantiin Iraan Masooyudi Pezekiyaan biyyi isaanii Meeshaalee Waraanaa Niwukilara hidhachuuf yaaltee hin beektu, fuuldurattis hin barbaaddu jedhan.

Pirezidaant Masooyud Kora Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa Niiwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti kana ifoomsaniiru.

Qondaaltichi biyyi Keenya Iraan yeroo mara addunyaaf nagaa hawwiiti kan addunyaa Waraanaan goolaa jiru Israa’el jechuun himatan.

Iraan Niwukilara hin feetu jechuun ejjannoo hogganaa Olaanaa Iraan Ayatollah Alii Kaamen Kora Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif kan ifoomsan Pezekiyaan kana duras lafumaa ka’amee Maq-balleessiin nurratti raawwatame malee Iraan Niwukilara Waraanaa gabbisu hin barbaaddu jechuun haleellaa Israa’eliifi Ameerikaan biyyattiirratti raawwatan qeeqaniiru.

Haleellaa Israa’el guyyoota 12 itti fufiinsaan Tehiraarratti gaggessites balaleffataniiru.

Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply