Irreechi uumamaan Uumaa raajeffachuudha- Barsiisaa H/mikaa’el Taaddasaa

You are currently viewing Irreechi uumamaan Uumaa raajeffachuudha- Barsiisaa H/mikaa’el Taaddasaa

‎AMN PLUS – Fulbaana 20/2018

‎Irreechi hojiilee ajaa’ibsiisoo waaqni uumeen uumaa raajeffachuufi galateeffachuu akka ta’e Barsiisaan Amantii H/mikaa’el Taaddasaa himan.

‎Qophii Roga Dubbii AMN Plus irratti waa’ee Irreechaa kaasuun turtii taasifame irratti kan hirmaatan barreessaa kitaaba “Irreecha Bir-qabaan” Hayila Mikaa’el Taaddasaafi barreessaan kitaaba “Kudhaama Seenaa-1” Kaappiteen Xilaahun Bantii, Irreechi uumamaan Uumaa raajeffachuu akka ta’e ibsan.

‎Hayilamikaa’el, Irreechi qabatamaan Uumama irratti hundaa’uu eeruun addunyaa kan uumeefi jiraachisu ittiin mirkaneessan akka ta’e ibsaniiru.

‎Ganni darbee, roobni qabachuu/hir’achuu, mucucni qooruu, lagni taliila ta’uufi jijjiiramootni uumamaa waqtii gannaa keessaa ba’uun birraan bari’uu mul’isan martuu hojii Waaqaafi kan itti galata dhiyeessaniifi ittiinis raajeffatan akka ta’e dubbataniiru.

‎Kaappiteen Xilaahun gama isaaniin Irreechi, Irreechi gurguddaan Hora-Finfinnee magaalaa Finfinneefi Hora Arsadee Bishooftuutti erga irreeffatamee booda Oromiyaa bakka maratti balbala balbalaan kan irreeffatamu ta’uu yaadachiisuun, abbaa malkaatiin saaqamee irreeffatamuun kan mul’isu, lafti qooruufi imalaafis banaa ta’uu, lagni hir’atee ce’uunis kan danda’amu ta’uu agarsiisuuf akka ta’e ibsaniiru.

‎Oromoon yeroo kanatti ganna keessaa ba’ee birraatti ce’uu, bokkaafi cabbii jalaa eegee tiksee balaa isa baraaruun Waaqa Ifa Birraatt isa baase duudhaa ittiin galateeffatu waan ta’eef, hojii Uumaa uumama isaan dinqisiifatee wal ga’ee bakka tokkotti akka irreeffatullee himaniiru.

‎Nagaa, jaalalaafi tokkummaan waliin kabajuuf falaasama Irreechaa hubachuun barbaachisaa ta’uu kan ibsan Hayilamikaa’el, duudhaalee Irreechaa kanneen akka araara, nagaa, tokkummaafi dhugaa qalbiitti qabachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

‎Qaamaafi qalbiin qulqullaa’anii, kan wal lole araarsaniifi araaramanii, nagaa buusuudhaan irreeffachuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

‎Miidiyaan duudhaa Irreechaa barsiisuufi beeksisuun ga’ee isaa bahachuu itti fufuu akka qabu kan eeran Barsiisaa Hayilamikaa’el gama kanaan hojii AMN hojjataa jirus dinqisiifataniiru.

‎Keessumaa qaamolee beekaniis ta’e osoo hin beekin Irreecha cilee dibuufi odeeffannoo dogongoraa dabarsuun maqaa balleessuu yaalan daandii qajeelaa ta’etti deebisuuf ga’een miidiyaa olaanaa ta’uu himaniiru.

‎Kaappiteen Xilaahun, Ayyaana Irreechaa namootni Miiliyoonaan lakkaa’aman biyya keessaafi alaa irratti hirmaatan kun galii guddaa magaalaa Finfinneefi Bishooftuuf akka argamsiisu eeruun, ga’een tuurizimii guddisuu keessatti qabu olaanaa ta’uu yaadachiisaniiru.

‎Dabalataanis, Ayyaanni addabaabaayiitti kabajamu Irreechi, madda nagaafi tokkummaa waan ta’eef nagaa buusuun nagaa walii hawwuun, nagaan akka kabajamuuf qaamoleen hawaasaa hundumtuu ga’ee isaanii akka bahatan dhaamameera.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply