Weerarri Vaayirasii Koronaa addunya mara yeroo walgahe hunduu karra cufatee ture.
Magaalonni nama malee hafan, qilleensi balalii xiyyaaraa dharra’e. Manneen hojii hundi maamiltootatti karra cufatan.
Dambaliin sun yoo darbu garuu suuta suuta addunyaan ija banatte. Manneen barnootaas saaqamanii maatiin sodaa malee ijoolleesaa gara mana barnootaatti ergate.
Ispeen magaalaa Oviyeedootti garuu, maatiin sodaa weerara kanaan raafaman ijoollee qaban sadii waggoota sadii oliif manatti ugguraniiru. Sababni isaas, Koronaan ammallee ka’uu danda’a kan jedhu dha.
Maarree tibba kana ollaan maatii kanaa wantota shakkisiisoo argitu irraa ka’uun poolisii magaalichaaf eeruu laatte.
Eeruu kana irratti hundaa’uunis poolisiin ijoollee lakkuu waggaa 8fi ilma waggaa 10, waggoota 3f addunyaa haferraa fagaatan baraaruu miidiyaaleen Ispeen gabaasaniiru.
Mooraa Maatii kanaa keessaa waggoota 3 oliif nama tokko qofaatu gadi bahee wantota nyaataaf oolan bitee deebi’a.
Mana isaanii keessa maashina qilleensa qulqulleessu jahatu hidhamee jira.
Foddaan tasumaa hin banamu. Ijoolleen kun mana fincaaniillee akka fayyadaman hin eeyyamamuufi. Daayipparii godhatu.
Qorannoo yaalaa taasifameeniifis ijoolleen sadeen gogiinsa garaa hamaaf akkasumas dhiphina sammuuf saaxilamuu ogeeyyiin himaniiru.
Himannaa maatii kanarratti banamuun hidhaan waggaa 6 haga 10 irratti murtaa’uu akka danda’u El mundo’n gabaaseera