Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin dhimma Filisxeem qoratu Israa’el lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiraatan irratti yakka ajjeechaa jumlaan duguuggaa sanyii raawwatteetti jechuun himate.
Waraana Israa’el Bara 2023 irraa eegalee anga’oota Haamaas irratti tarkaanfii fudhachaa turteen yoo xiqqaate gochaawwan ajjeechaa jumlaa 4 ykn 5 ta’an raawwatamaniiru jechuun qorannoo adeemsiseen bira gahuu beeksiseera.
Israa’el wayita anga’oota Haamaas dhabamsiisuuf yaaltu Lammiileen nagaafi miseensotni hedduun waan ajjjeefamaniif dhalootni akka itti hin fufne illee taasisaa akka jiru qorannoon kun caqaseera.
Haa ta’u malee, Israa’el gabaasa kana kan “sobaafi dogoggora” jechuun haalteetti.
Haamaas Onkoloolessa Bara 2013tti, lammiilee Israa’el 1200 ajjeesee, 251 yoo ugguree fudhatu “gabaasa akkasii maaliif hin baasne” jechuun Dubbi himaan Israa’el qeeqeera.
Akka ibsa Ministeerri Fayyaa Gaazaatti, waggoota lamaan darban keessatti Israa’el namoota Kuma 64 fi 905 ajjeefamaniiru. Manneen jiraattotaa dhibbantaa 90 ta’an yoo manca’an, tajaajilli bishaanii, eegumsa fayyaafi qulqullinaa addaan cituu akkasuma ogeessotni UN Gaazaa keessa jiran, hongeen uumamuu isaa ibsuu isaanii itti dabaluun beeksiseera.
Kun osoo kanaan jiruu, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo, Israa’el keessatti daawwannaa taasisaa kan jiran yoo tahu Ministirri Muummee Israa’el Netaaniyaahuun haleellaa Gaazaatti taasisan cimsanii kan itti fufan tahuu ibsuu isaaniifi haleellaa xiyyaaraa taasisaa jiraniin lammiileen Filisxeem ammallee qe’ee isaanii dhiisanii baqataa akka jiran BBC’n gabaaseera.
Malkaamuu Abbabaatiin