Israa’el dooniiwwan gargaarsa fe’an Gaazaa akka hin seenne danquun wal qabatee mormii keessummeessaa jirti. Giriiki, Xaaliyaanii, Jarmanii, Tuunisiyaa fi Tarkiyeen danqaa Israa’el dooniiwwan Gaazaatti imalaa turan irratti taasiste mormanii jiru.
Gocha Israa’el kana Paakistaan, Booliviyaafi Maaleeshiyaanis balaaleffataniiru. Komishinarri Olaanaa Mirga Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Voolkar Tarki, kaleessa irraa jalqabee dooniiwwan hedduu Israa’eliin danqamuu ibsuun, “Gaazaan danqaa taasiste Gaazaa irraa kaasuun meeshaawwan lubbuu baraaraa akka seenaniif karaa danda’ame hundaan daandii saaquu qabdi” jechuun dubbataniiru.
Xaaliyaanii, Jarmaniifi UK’n dhimmichi isaan yaaddeesuu ibsuun lammiilee isaanii doonicha keessa jiran wajjin mari’achuu ibsuun dooniiwwan danqite akka gadhiiftu yaadachiisaniiru.
Israa’el ji’a tokko dura dooniiwwan 40 ol ugguruun imala hojjattoota gargaarsaa, miseensota paarlaamaa Awurooppaa, ogeessota seeraa, rogeessota miidiyaafi kanneen biroo 500 ta’uun gargaarsa qabatanii Gaazaatti imalaa turan danqitee akka turtes BBC fi Shiinuwaa’n gabaasaniiru.
Israa’el gocha kana raawwataa sababaan itti jirtuuf meeshaaleen gargaarsaa kunneen harka Hamaasitti akkan kufneef yaaddoo qabdu irraa ka’uun akka ta’e beeksisaa jirti. Kanaan duras, sochiiwwan deggersa garaa garaa Hamaas qaqqabsiisuuf sochiiwwan taasifaman lama bira gahuu eerteetti.
Ministirri dhimma alaa Israa’el gocha kana miidiyaatti waan himteef rogeettii miidiyaa lammii Siwiidiin taate Gireetaa Tanbarg wayita doonii tokko irraa buusuun hiitu suur-sagaleedhaan gadi dhiisee jira.
Dhaabbatni UN’n deggeramu “IPC” jedhamu Gaazaa keessatti hongeen mudachuu kan beeksise yoo ta’u, Hogganaan Gargaarsa Namummaa UN, kun kan mudate danqaa Israa’el gargaarsi akka Gaazaa hin seenneef taasisteen akka ta’e ibseera.
Ministirri Muummee Israa’el Netaaniyaahun ammoo “kuni soba adiidha” jechuun ragaa dhaabbata kanaan dhiyaate kufaa taasisaniiru.
Israa’el, waraana Gaazaatti taasisaa jirtu dhaabsisuuf sochiin Ameerikaafi biyyoota garaa garaan taasifamaa jiru itti fufus Hamaas “Birmadummaa Gaazaa kan mirkaneessu miti” jechuun haal-dureewwan ka’aman irratti waliigaltee irra waan hin geenyeef hireen Gaazaa akkuma rarra’etti jira.
Malkaamuu Abbabaatiin