Israa’eel haleellaa Gaazaatti raawwatteen gaazexeessaa beekamaa Anas Al-shariif dabalatee hojjettoota Aljaziiraa 5 ajjeesuu amante.
Haleellaan kun bakka buufata gaazexeessitootaa irratti kan raawwatame yoo ta’u, waliigalaan namootni 7 lubbuun darbaniiru.
Al-shariif haleellaa kanaan osoo lubbuun hin darbin daqiiqaa muraasa dura, Israa’el misaa’el fayyadamuun kaaba Gaazaa haleelaa akka jirtu karaa X barreessee ture.
Aljaziiraan haleellaa Israa’el kan hadheeffatee balaaleffachuun “Israa’el ammas bilisummaa Pireesii irratti haleellaa guddaa raawwatteetti” jedheera.
Israa’el dhugaawwan Gaazaa akka hin dhagahamneefi hin mul’aanneef, ta’e jettee bakka boqonnaa Ogeeyyii miidiyaa akka rukutte eere.
Israa’el gaazexeessaan kun Hamaas waliin walitti hidhata qaba, kanaaf tarkaanfii fudhadhe jetti.
Aljaziiraan garuu Anaas Al-shariif hojjetaa kiyya malee Hamaas waliin hariiroo homaa hin qabu jedheera.